
Hiduu
by Roba Ibrahim
Lyrics
**Siin Jaaladha Caalchisee**
(Verse 1)
Siin jaaladha caalchisee,
Waan hundumaara,
Abdii Rabbii kiyyaa,
Adda hin baanu gonkumaa.
Har'a miti ani,
Boruuf si filadhee,
Iccitii garaa kootii,
Baasee sitti himadhee.
(Chorus)
Urgaa burtukana,
Yaa nadhi walala,
Si obsuun dandeenye,
Dhibeen ko jaalala,
Habibtii hiduu jaalala.
(Verse 2)
Jaalalli afaanii miti,
Kan arrabni odeeysuu,
Rakkoon fedhees yoo,
Dhufee sirraa na fageeysuu.
Karaatu dheerate,
Yaanni koo si biraa,
Humaa yaadin narraa,
Yoomillee siifiin jiraa.
(Chorus)
Urgaa burtukana,
Yaa nadhi walala,
Si obsuun dandeenye,
Dhibeen ko jaalala,
Habibtii hiduu jaalala.
(Bridge)
Abjoodhen si argee,
Walakkeessa halkani,
Qabeen si dhungadhe,
Yeroo kudha shanii.
Gammadee si laalen,
Kolfe sitti seeqee,
Manaamaa ta'usaa,
Ani yooman beekee.
(Chorus)
Urgaa burtukana,
Yaa nadhi walala,
Si obsuun dandeenye,
Dhibeen ko jaalala,
Habibtii hiduu jaalala.
(Verse 3)
Keessoon gara kiyya,
Utuu baqaqfamee,
Keessa gara kooti,
Onneen ko baasame.
Wanti keessa jiruu,
Utuu ilaalamee,
Na keessaa argama,
Suraan ke kaafame.
(Chorus)
Urgaa burtukana,
Yaa nadhi walala,
Si obsuun dandeenye,
Dhibeen ko jaalala,
Habibtii hiduu jaalala.
(Outro)
Atin beekne male,
Siifin qalbii cabaa,
Jaalala kef jedhe,
Hirribaallee dhabaa.
Maalo lubbu kiyya,
Naaf laadhu jalalaa,
Silaa jiruun kiyya,
Hundinuu siin tola.
Urgaa burtukana,
Yaa nadhi walala,
Si obsuun dandeenye,
Dhibeen ko jaalala,
Habibtii hiduu jaalala.
Make your own song with SoundLab AI · Turn your own lyrics into a song