qa'ee oromtichaa cover art

qa'ee oromtichaa

by Abbaa Jaarraa

AI-generated Folk song · 5:00 · 0 plays · 1 likes

Lyrics

‎QA'EE OROMTICHAA
‎[Intro – Suuta, sagalee guddaa]
‎Qa'ee Oromtichaa…
‎Hortee Jahan Saayyoo…
‎Dachee bunaaf dammaa
‎Eebbise waaqayyo
‎Heyyoo… heyyoo…
‎dambii dolloo koo…
‎Dachee bareedduu…
‎Jannata Addunyaa koo
‎[Verse 1 – Yeedaloo gadi-fagoo]
‎Warra bahaas ta'uu, warra kaabaa fi kibbaa,
‎Eenyuu qeellam dhaqee, dambii Dolloo jibbaa?
‎Biyya gaara keessaa, bunni latu margee,
‎Kan lafa isaa qoottu, hammarratu warqee.
‎Ona Qees Gidaadaa,
‎Qa'ee Sheekii Dambii,
‎Jannata Addunyaa godhee,
‎Uume Rabbiin keenya.
‎Arjoomaaf tola keetu
‎Na boojie qalbii…
‎Dachee koo bareedduu,
‎Ati mootummaa lubbuu ti.
‎[Pre-Chorus – Sagalee ol-ka'aa]
‎Haroo Sabbuuf Laaloo,
‎Canqaa fi Gabaa Arbii,
‎Qaaqee dhaaf Qeebbee,
‎Jimmaa fi Gidaamii…
‎Arroojjii fi Tajjoo,
‎Anfilloos ilaalii,
‎Dachee namaaf sa'aa,
‎Rabbiin keenyaa faayee.
‎[Chorus – Humnaan, wal-deebisaa]
‎Jannatuma keessaa, jannatuma keessaa,
‎Fuudhee achi kaayee!
‎dambii koo, an carraa qabeessa dhuguman milkaayee
‎Jannatuma keessaa, jannatuma keessaa,
‎Bara baraan si faarsaa!
‎Qa'ee Oromtichaa, hortee goototaa,
‎Maqaan kee haa dhaga'amu!
‎[Verse 2 – Sagalee jabaa]
‎Ardii gootaa fi hayyuu,
‎Baay'ee biqilchitee,
‎Kan Dirribee Jifaar, Ebbisaa,
‎Addunyaa sabaaf gumaachitee.
‎Qa'ee Jaal Laggaseen,
‎Dhugee irraa nyaatee,
‎Kan Ahmad Jibriiliif,
‎Dahoo fi goolgaa taatee.
‎Dambii biyya gootaa,
‎Biyya payleetotaa,
‎Baguma koo taatee,
‎Biyya oliiqaadhaa
‎Dambii warra leeqaa
‎Nama dhaqee argee
‎Waa'ee dambii beekaa
‎Arroojjii fi Kooyyaanii…
‎Seertumii fi Ilaalaa,
‎Maqaan keessan haa waamamu,
‎Seenaa keessan keessaa,
‎Sirbi keenya haa maddu!
‎[Bridge – Guitar + ululation]
‎Eeyyee… Oromiyaa koo…
‎Dachee abbootii keenyaa…
‎Eeyyee… Oromtichaa…
‎Qa'ee goototaa…
‎Dachee dhadhaa fi dammaa,
‎Haroo Abbaa Gammadaa,
‎Eessatu si madaalaa?
‎Eessatu si fakkaataa?
‎Hin jiru… hin jiru…
‎Dachee koo si fakkaatu!
‎Hin jiru… hin jiru…
‎Qa'ee koo si caalu!
‎[Final Chorus – Guutuu humnaan]
‎Jannatuma keessaa, jannatuma keessaa,
‎Fuudhee achi kaayee!
‎Oromiyaa koo, dachee koo keessaa,
‎Garaan koo si waamee!
‎Qa'ee Oromtichaa, hortee Jahan Saayyoo,
‎Dachee bunaaf dammaa!
‎Gootota, hayyoota, seenaa fi aadaa,
‎Siin boona Oromummaa!
‎[Outro – Suuta]
‎Qa'ee Oromtichaa…
‎Hortee Jahan Saayyoo…
‎Dachee bunaaf dammaa…
‎Oromiyaa koo…
‎Jannatuma keessaa…
‎Jannatuma keessaa…
‎

More by Abbaa Jaarraa

Make your own song with SoundLab AI