jalala naaf wayyaa cover art

jalala naaf wayyaa

by Abbaa Jaarraa

AI-generated Pop song · 2:17 · 1 plays · 2 likes

Lyrics

Haadha rayyane haadha Jaarraa kootii Faroo hortee hayyuu Faroo sanyii mootii
qajeelchituu jiruu michuu onnee kootii
si qabachuu kootii onnee koo ni boontii

Firri warrii fagoo warri biyya keessaa Abdallaan rakkataa abdalla hiyyeessaa isa hin jaallatinii filadhu sooreessaa
rakkina jaalattee rakkachuudhaaf teessaa
jedhee nama baayyee kan si gorsaa turee Ati na filannaan hundi garaa muree
jalala naaf wayyaa anaaf horii caalaa qabeenyaa mitii onnee koo jaalalaatu yaalaa
Jettee horii caalaa namummaa filattee Anaa homaa hin qabnee hamilee natti hortee onnee koo keessatti mana ijaarrattee ati naaf waa maraa ati naaf qabeenyaa onneen kee qulqulluu hin beektuu hameenyaa wabii jiruu kootii michuu arraaf borii Umrii naaf dheeradhuu waggaa baayyee turii
Jaalalli dhugaadhaa maal akka fakkatuu
si birattin argee waan barumsa laatuu

More by Abbaa Jaarraa

Make your own song with SoundLab AI