Harargee cover art

Harargee

by Abbaa Jaarraa

AI-generated Folk song · 4:06 · 2 plays · 1 like

Lyrics

‎🎵[ Kutaa 1]
‎Boontuu afran qalloo bareedduu harargee
‎Jaalallii kee saaree na keessatti margee
‎Hamma ati miidhagdu Sitti himuu na rakke
Deebitee of jaallatteetu na jibbitaan shakke.
‎Ati naaf warqii dhaa, faayaa gatii jabaa,
‎Addunyaa kanarraa tokkittii keetiin qabaa,
‎Beekumsaaf ogummaan ani qabu martuu,
‎Si caalaa lubbuun kiyya na marartuu.
‎[Sirba Irra Deebii – Chorus]
‎Maal qabaa… maal qabaa…
‎Otoo garaan kiyyaa si yaadachuun hafee,
‎Aniis akka namaa tasgabbaa'ee rafee.
‎Maal qabaa… maal qabaa…
‎Garaan koo jabaatee sittillee qabamtuu
‎Qalbii koo boojitee na duraa dhabamtuu
‎Ganama si lolee si yaadaa galgala,
‎Naa ta'u gonkumaa jireenyi siin alaa,
‎Dhugaa kee naaf himi akka yaada garaa,
‎Jaalalaaf jibba keetiin firra addaan baraa.
‎[Chorus – Sagalee ol ka'aa]
‎Maal qabaa… maal qabaa…
‎Otoo garaan kiyyaa si yaadachuun hafee,
‎Aniis akka namaa tasgabbaa'ee rafee.
‎[Kutaa 3 – Miira cimaa]
‎Rifeensi kee luuccaa akka xaafii tolee
‎Si yaadachuun dhiifnee obseen taa'e malee
‎Ijumaan si agarraan an baheerra dharraa
‎Ibsituu jireenya... akka aduu birraa
‎Jaalala koo laalii yaada koo hubadhuu,
‎Irra diba dhiisii dhugaan na jaaladhu.
‎[Xumura – Masinqoo fi sagalee miira qabu]
‎Maal qabaa… maal qabaa…
‎otoo garaan kiyya si yaadachuun hafee
‎Aniis akka namaa tasgabbaa'ee rafee
‎Akka waan gabaadha qarshiidhan na bittee
‎Qaamaa Koo to'attee qalbii koo na lixxee
‎Abjuun na doorsiistaa dhuftee halkan qixxe
‎Ka'een si barbaadaa dhabee iddoo lixxee
‎Onnee kiyya guutuun siif seenera irbuu
‎Siin jaaladha male gonkumaa si jibbu
‎

More by Abbaa Jaarraa

Make your own song with SoundLab AI · Turn your own lyrics into a song