
hhhhhhhh
Lyrics
🎵[ Kutaa 1]
Boontuu afran qalloo bareedduu harargee
Jaalallii kee saaree na keessatti margee
Hamma ati miidhagdu Sitti himuu na rakke
Deebitee of jaallatteetu na jibbitaan shakke.
Ati naaf warqii dhaa, faayaa gatii jabaa,
Addunyaa kanarraa tokkittii keetiin qabaa,
Beekumsaaf ogummaan ani qabu martuu,
Si caalaa lubbuun kiyya na marartuu.
[Sirba Irra Deebii – Chorus]
Maal qabaa… maal qabaa…
Otoo garaan kiyyaa si yaadachuun hafee,
Aniis akka namaa tasgabbaa'ee rafee.
Maal qabaa… maal qabaa…
Garaan koo jabaatee sittillee qabamtuu
Qalbii koo boojitee na duraa dhabamtuu
Ganama si lolee si yaadaa galgala,
Naa ta'u gonkumaa jireenyi siin alaa,
Dhugaa kee naaf himi akka yaada garaa,
Jaalalaaf jibba keetiin firra addaan baraa.
[Chorus – Sagalee ol ka'aa]
Maal qabaa… maal qabaa…
Otoo garaan kiyyaa si yaadachuun hafee,
Aniis akka namaa tasgabbaa'ee rafee.
[Kutaa 3 – Miira cimaa]
Rifeensi kee luuccaa akka xaafii tolee
Si yaadachuun dhiifnee obseen taa'e malee
Ijumaan si agarraan an baheerra dharraa
Ibsituu jireenya... akka aduu birraa
Jaalala koo laalii yaada koo hubadhuu,
Irra diba dhiisii dhugaan na jaaladhu.
[Xumura – Masinqoo fi sagalee miira qabu]
Maal qabaa… maal qabaa…
otoo garaan kiyya si yaadachuun hafee
Aniis akka namaa tasgabbaa'ee rafee
Akka waan gabaadha qarshiidhan na bittee
Qaamaa Koo to'attee qalbii koo na lixxee
Abjuun na doorsiistaa dhuftee halkan qixxe
Ka'een si barbaadaa dhabee iddoo lixxee
Onnee kiyya guutuun siif seenera irbuu
Siin jaaladha male gonkumaa si jibbu
Maal qabaa maal qabaa
osoo garaan kiyya si yaadachuun hafee
Aniis akka namaa tasgabbaa'ee rafee.........
More by Abbaa Jaarraa
Make your own song with SoundLab AI · Turn your own lyrics into a song





